• Tue. Nov 24th, 2026

Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka jedhutti waraana Israa’el naannichatti geggeessiteen namoonni 48, 000 ol ajjeefaman

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025 

Ministeerri Fayyaa Gaazaa Sanbata kaleessaa akka jedhetti, yoo xiqqaate namoonni 48,181 naannoo Falasxiin keessatti Israa’el waliin waraana geggeeffameen  ajjeefamaniiru.

Hamaasii fi Israa’el dhukaasa dhaabuu marsaa qabu kan yeroo ammaa booji’amtootaa Israa’el fi hidhamtoota Falasxiin waljijjiiruu geggeeffamaa jiru Amajjii 19 irraa qabee hojii irra oolus, tasgabbii guutuuf wabii akka hin taane qeeqamaa jira.

Lakkoofsi namoota du’anii  ministeera fayyaa Gaazaatiin maxxanfaman namoota caccabaa gamoo jalatti hafan hin haammanne. 

Sa’atii 48 darban keessatti duuti 26 galmaa’ee kan ture yoo ta’u, kanaan duras du’aan 570 ol ta’an argamuu ministeerichi ibseera.

Yeroo waraanaa kanaatti walumaa galatti namoonni 111,638 Onkoloolesa 2023 irraa qabe kan mada’an ta’uun barameera.

Israa’el lakkoofsa ministeerichaa irratti shakkii kaasuun, Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii garee amamaa qindeessuun akka ilaalu gaafatteetti. 

Lakkoofsi namoota du’anii fi miidhamanii dhaabbilee garaagaraan lakkoofsi adda addaa kan dhiyaachaa jiru yoo ta’u, qorannoo barruu yaalaa Biriteen Laanceet jalqaba baatii Amajjii irratti ajjeechaan ji’oota saglan jalqabaa irratti Israa’eeliin qaqqabe maxxanse, kan Ministeerri Fayyaa Gaazaa %40n caala.

AFP’n lakkoofsa du’aa kana dhugummaa isaa mirkaneessuu hin dandeenye.

Leave a Reply