ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025
Poolisiin Jarman kaaba biyyattiitti diroonii bakka humnoonni Yukireen itti leenji’an buufata xiyyaaraa irra balali’an ja’a qorachaa jiraachuu dubbi himaan waraanaa Sanbata kaleessaa AFP’tti himaniiru.
Ji’oota darban keessa Jarman keessatti iddoowwan waraanaa fi industirii irratti dirooniin walitti aansuun mul’achuun isaa sodaa guddaa kan uume yoo ta’u, ji’a darbe akka jedhetti, dambiiwwan waraanaa akka jijjiiraman loltoonni xiyyaarota qilleensaa nama maleeyyii shakkisiisaa ta’an akka kuffisan taasiseera.
Amajjii 9 irraa eegalee hanga 29’tti taateewwan diroonii shakkisiisaa ta’an kanneen buufata xiyyaaraa Ischewesing naannoo daangaa Deenmaark irratti balali’an hirmaachise galmaa’uu isaa gaazexaan Sudeyusche Zeyitung Sanbata gabaaseera.
Dubbi himaan waraanaa akka jedhanitti, dhimmoonni kun poolisii kutaa biyyattii Ischileswig-Holsteyin tti gabaafameera garuu basaasummaa wajjin kallattiin walitti dhufeenya akka hin qabne himaniiru.
Ji’oota darban keessa galaana Baaltik keessatti keebiliin telekoomii hedduun kan murame yoo ta’u, ogeeyyiin fi namoonni siyaasaa Raashiyaa komataniiru. Moskoon gama isheen dhimmoota kana keessatti gahee kamiyyuu akka hin qabne haaluu ishee AFP’n gabaaseera.

