ONM-ABO Gurraandhala 11, 2025
Dargaggoonni abdii biyyaa ta’an impaayerattii keessatti qalamuu fi rasaasaan ajjeefamuun bartee ta’ee jiraachuun cinattis hojiilee adda addaa irrattis akka hin bobbaaneef ittifamaa akkasumas, saamichi irratti jabaachuun bulchiinsa magaalaa Adaamaattis milishoonni sirnichaa badii tokko malee karaa keessa keessaa irra baajaajii adeemu dhaabsisuun qarshii 1000 kaffalchiisaa jiraachuun barameera.
Magaalicha keessatti yeroo jireenyi qaalawee jiru kanatti hawaasni ji’aan qarshii 800 milishaadhaaf akka kaffaltan jechuun nu dirqisiisaa jiru jedhan jiraattotni magaalichaa.
Gareen maafiyaa Bilxiginnaan magaalaa Adaamaa aanaalee hunda keessatti, bifa haarawaan milishootaa 1000 ol ta’an dirqamaan akka dhiyeessan qajeelfama itti kennee kan ture ogguu ta’u, walumaagalatti yeroo ammaa baay’inni milishaa tilmaamaan 15000 ta’u leenjifamaa jiru.
Milishootni kun bobbaan isaanii uummata irraa nyaachuu fi dararuu ta’uun hawaasni jireenyaan of dadhabee Bilxiginnaa irratti akka hin kaaneef hojii humna waraanaa baay’isuu hojjechaa jiran keesssaa tokko ta’uu keessa beektotni ni dubbatu.



