ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa humnaan hawaasa Oromoo bulchuuf carraaqqii jaleewwan isaanii hunda waliin taasisaa jiran milkeessuuf, ganda irraa namoota icciitii haala naannoo isaaniif hordofuu danda’an gara aanaatti waamanii yeroo yerootti walga’ii ta’aa jiru.
Aanaa Habroo araddoota aanichaa hunda irraa lukkeeleen Bilxiginnaa ganda tokko irraa Gurraandhala 10, 2025 namoota shan shan waamuun haala hawaasni keessa jiru, murna Bilxiginnaa deggeruu fi dhiisuu isaa qorachuuf kan waaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni shan-shan gara aanaatti waamamuun isaanii “komii qabdan dhiyeeffadhaa!” maqaa jedhuun ta’uu fi haala naannoo isaanii baruuf akka ta’e dubbatu.
Yoo isaan rakkoo himan akka waan furuufii danda’aniitti itti kijibuun gowwomsanii isaan kaan hidhuuf karoorsuu fi yoo isaan cimina ergamtoota sirnichaa dubbatan immoo ijaaranii leenjii basaasummaa kennuun itti fayyadamuuf kan qophaa’an ta’uun addeeffameera.

