• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu cimsanii itti fufan

Feb 14, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025 

Ergamtoonni sirna nama nyaataan PP bututtuu impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafama irra jirtu dinagdeen suphuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessaa haala duraan barameen olitti saamicha daangaa darbeen jiruu fi jireenya uummata Oromoo golgoleessaa jiru.

Aanaa Gidaamii bakkeewwan addaa addaatti saamtonni garee maafiyaa PP maqaa kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen jiraattota saamuun cinatti, afaan qawwee itti qabanii jilbeenfachiisuun, “waan si harka jiru lafa kaa’i yookaan meeshaa kanaan adda kee sirraa facaasa” jechuun  dararaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta’u, Gurraandhala 8, 2025 ganda Baataa Mukarbaa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Bulchaa Gammachuu  jalaa qarshii 10,000,
  2. Shamsuu Muusaa jalaa 7,500,
  3. Yoosef Fiqaaduu jalaa 15,000,
  4. Iyyoob Gammachuu jalaa 5,000 akkasumas,
  5. Maariquu Wadaaj jalaas qarshii 9,000 badii tokko malee saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu ifoomsuun, waraanni maafiyaan impaayerattiis kufaatii dinagdee murna Bilxiginnaa mudateen kaffaltii miindaa ji’aa waan argatu hoggaa dhabu gara hawaasa nagaatti deebi’uun guyyuu saamicha hamaa ta’een dinagdee namoota hedduu quucarsaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply