• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Gujii Lixaa Aanaa Malkaa Sooddaa keessatti daa’imni tokko waraana murna PP’n ajjeefamuun dhaga’ame

Feb 15, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025 

Barcuma aangoo isaanii namoota dararanii tikfachuun amaloota mootummoota abbaa irree keessaa isa tokko yammuu ta’u, yeroo ammaas abbaan irree impaayerattii koloneel Abiy Ahimed kaayyoo dabaa abboota isaa irraa dhaale galmaan ga’uuf Oromiyaa cufa keessatti guyyaa dhufee darbuun lubbuu ilmaan Oromoo harcaasaa oola.

Gurraandhala 9, 2025 waraanni Shiftaa Abiy Ahimed maqaa raayyaa ittisa impaayerattiin socho’an daa’ima waggaa 12 kan maqaan isaa Xunee Guyyee Ballii jedhamu godina Gujii Lixaa aanaa Malkaa Sooddaa ganda Daadaa Daawaa iddoo addaa Gaara Cirratee jedhamutti rasaasa itti roobsanii ajjeessanii gatuu maddeen ONM’tti himan.

Oromomummaa isaa qofaaf hadheeffachuun ilmaan Oromoo guddaa fi xiqqaa osoo hin jenne sababa tokko malee hiraarsuu kan adeeffate Bilxiginnaan gocha diinummaa isaa hammeessuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti saamtota waraana isaa bobbaasuun jiruu fi jireenya ilmaan Oromoo barbadeessaa jiraachuun hawaasa yaaddoo keeessa galchee jiraachuun barameera. 

Leave a Reply