ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025
Murni Bilxiginnaa gadaa aangoo isaa dheereffachuuf dargaggoota impaayerattii lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisuun fichisiisuu itti fufuun, har’as qeerroowwan Oromoo Oromiyaa mara irraa humnaa fi goyyomsaan walitti qabuun gara mooraa leenjiitti geessaa jiru.
Bifuma kanaanis tibbana akkuma guutummaa Oromiyaatti dargaggoonni impaayerattii akka suphaniif humnoota waraanaa koloneel Abiy Ahimed bobbaasaa jiruun ukkaamfamaa kan jiran oggaa ta’u, keessattuu godinaalee Kibba Baha Oromiyaatti daran jabaateera jedhu jiraattonni.
Aanaalee godina Arsii Bahaa keessatti argaman; Muneessaa, Sirkaa, Jajuu, Roobee Dida’aa fi kanneen hafan biroo keessatti osoo maatiin ilmaan isaan waliin bo’anii milishoonni fi waraanni raayyaa ittisa impaayerattii jedhaman kaabinoota waliin waltahuun konkolaataa dhaabanii guuraa akka jiranis ibsameera.

