• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa keessatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoota jumlaan ajjeesuun dhaga’ame

Feb 16, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025 

Loltoonni faashistii PP Gurraandhala 12, 2025 maqaa sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa irraa gara ganda Odaa jedhamutti bobba’uun dargaggoota 4 bakka hojii isaaniitii qabuun badii tokko malee rasaasa itti roobsuun jumlaan ajjeesanii deemuu jiraattonni ganda Odaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoonni jumlaan ajjeefaman kunneen:

  1. Addaam Addisuu,
  2. Saamu’eel Bokkoosoo,
  3. Iyyaasuu Abaataa fi 
  4. Taammiraat Ayyaanaa kanneen jedhaman ta’uun ifoomee jira.

Jiraattonni akka himanitti, dargaggoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii malee siyaasa kam illee kan hin hordofne yoo ta’an, aanicha keessattis ajjeechaan jumlaa ilmaan Oromoo irratti sababa Oromummaa isaanii qofaaf irra deddeebiin raawwatamaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply