ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025
Haleellaan of ajjeesuu naannoo gamoo mootummaa magaalaa guddoo Afgaanistaan Kaabuul keessatti dhoohe, nama tokko ajjeesee namoota sadii madeessuu isaa dubbi himaan mootummaa Taalibaan hime.
Haleellaan kun Kamisa kaleessaa Ministeera Misooma Magaalaa fi Mana Jireenyaa Afgaanistaan Kaabuulitti seenuuf yaale garuu humnoota nageenyaatiin rasaasaan rukutamuu isaa dubbi himaan Ministeera Biyya keessaa Abdul Mateen Qaanii kaleessa ibseera.
Doktarri Hospitaala Balaa Tasaa Kaabuul irraa dhufe, maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaade tokko haalaan kan dubbatan yoo ta’u, namoonni miidhaman dho’iinsa kana booda gara mana yaalaatti fidamaniiru jedhe.
Yeroo gabaasni kun qindaa’etti gareen kamiyyuu haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa hin fudhanne.
Haleellaan kun kutaa magaalattii hojiin itti baay’atu kan waajjiraalee mootummaa akkasumas Imbaasii Ameerikaa dabalatee imbaasiiwwan biyya alaa kan of keessaa qabu kan Humnoonni Ameerikaa fi NATO’n biyya alaa bara 2021 biyyattii keessaa ba’anii asitti duwwaa ta’ee hafe xiyyeeffate jechuun Aljazeraan gabaaseera.

