• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu keessatti tiksitoonni murna PP barataa tokko hidhuun dararaa jiraachuun ifoome

Feb 17, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025 

Oromummaa isaa qofaan jibbamuun bara bulchiinsa nama nyaata murna Bilxiginnaa keessa guyyaa dhufee darbuun dararaa akkaan ulfaataan miidhamaa kan jiru sabni Oromoo, kabajaa silaa biyya isaa irratti isaaf malu murnoota eegduu impaayera Itiyoopiyaan mulqamuun aduu dhiitee bariituun ilmaan isaa mana hidhaatti dararamaa oolu akkasumas gariin ammoo rasaasa abbaa irreen lubbuu dhabaa oolu.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu ganda Abee Dullachaatti ergamtoonni murna PP barataa Kutaa 9’ffaa kan ta’e Sanyii Fiqaaduu Amantee kan jedhamu loojistikii ABO-WBO’ti ittiin jechuun maqaa dharaa inni quba hin qabneen hidhanii dararuu erga eegalanii guyyaa 7’ffaa lakkoofsisee jiraachuu maddeen keenya ONM’f eeranii jiru.

Impaayerri Itiyoophiyaa biyya itti maanguddoonni biyyaa silaa kabajaan maluuf keessatti salphachuu fi ol adeemtonni kunuunsi maluuf adamfamuun akka bineensaatti ajjeefamaa akkasumas jumlaan ukkaamfamuun gara dirree leenjii waraanaatti dirqiin bobba’uun lubbuun isaanii akka baala mukaatti harca’aa jiru keessatti teessoo abbaa irree impaayerattii qabatee duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti geggeessaa kan jiru Koloneel Abiy Ahimed diinummaa Oromoof qabu ifaan ifatti mul’isuun ammas uummata nagaa gidirsuu  fi ajjeesuu itti fufee jiraachuunis yaaddoo itti ta’ee akka jiru jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply