ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025
Ijoolleen Falasxiin 14, kanneen kaansariin qabaman, wal’aansa fayyaa argachuuf gara Xaaliyaaniitti balali’aniiru. Kunis waraana Hamas-Israa’el geggeeffamaa ture hordofuun kanneen kudhanootaan lakkaa’aman Gaazaa irraa dhufan keessaa warra yeroo dhiyootti achi ga’an ta’uu ministeerri haajaa alaa Xaaliyaanii ibseera.
Ijoolleen fi maatiin isaanii walumaa galatti namoota 45 Roobii darbe Gaazaa irraa gara Masriitti daangaa Raafaa qaxxaamuranii Hospitaala Xaaliyaanii Kaayirootti sakatta’iinsa yaalaa taasisaniiru jedhan qondaaltonni.
Ijoollee kana ilaaluun qaama tattaaffii Xaaliyaaniin nagaa fi marii naannichatti guddisuuf Xaaliyaaniin gootuudha jedhan.
Ijoolleen tokko tokko magaalaa guddootti yaalamuu akka qaban kanneen biroon Turin fi Miilaanitti hospitaalota keessatti wal’aansaaf gara kaabaatti qajeelan jedhan dubbi himaan ministeerichaa.
Xaaliyaan biyyoota Awurooppaa hedduu keessaa tokko yoo taatu, erga waraanni kun Onkoloolessa 7, 2023 jalqabee daa’imman madaa’an ykn dhukkuban ofitti fuuchuun wal’ansa kennituufiidha.
Ijoolleen Falasxiin 11 jalqabaa Amajjii bara 2024 Xaaliyaanii kan gahan yoo ta’u, itti aansuunis ji’oota itti aananiif kanneen kudhanootaan ol ta’an, gariin isaanii xiyyaaraan gariin ammoo doonii humna galaanaan gara Xaaliyaaniitti geejjibamuu ministeerichi ibsuu gabaasni Rooyiters baase ni addeessa.

