ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025
Ergamtoonni sirna nama nyaataa PP bututtuu impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafama irra jirtu dinagdeen suphuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessaa haala duraan barameen olitti saamicha daangaa darbeen jiruu fi jireenya uummata Oromoo golgoleessaa jiru.
Aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa jedhamu keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa Gurraandhala 13, 2025 uummata waltajjii baasuun kaffaltii gibiraa mana tokkotti qarshii 17,000 murteessanii jiraachuu fi yeroon hin kaffaltan taanaanis tarkaanfii barbaachisu isin irratti fudhanna jechuun doorsisaa kan turan ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, hawaasni gandichaa qaala’iinsa jireenyaan waxalamee ofiifuu rakkoo hamtuu keessa jiraachuu himuun, yeroo ammaa kanas sababa kaffaltii humnaa olii isaanitti murtaa’e kanaaf yaaddoo hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun ifoomsaniiru.

