• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti hidhattoonni Amaaraa namoota 4 haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii albeen kukkutan

Feb 19, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025 

Aanaa Geeraa ganda Waallaa jedhamutti hidhattoonni Amaaraa murna Bilxiginnaan hanga funyaaniitti hidhatan Guraandhala 13, 2025 badii tokko malee ilmaan Oromoo namoota baay’inaan 4 ta’an rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Namoota kanneen keessaa tokko abbaa qabeenyaa maqaan isaa Obbo Zaakir abbaa Hoggaa yoo ta’u, finxaaleeyyiin kunneen erga rasaasaan rukutanii ajjeesanii booda albeedhaan reeffa isaanii kukkutanii ajjeechaa suukkaneessaa irratti raawwatanii deemuun dabalataan ibsameera.

Sababa ajjeechaan kun ilmaan Oromoo irratti raawwateef, uummanni gadi ba’uun hiriira balaaleffannaa geggeessus  hanga ammaatti qaamni mootummaa birmannaa tokkollee kan hin gooneef ta’uu maddeen kunneen itti dabaluun ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply