• Mon. Jan 5th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti ergamtoonni Bilxiginnaa mana cidhaatti dargaggoota irratti dhukaasa banuun madeessuu fi ukkaamsuun hidhaatti darbachuun himame

Feb 23, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 17, 2025 

Aanaa Sibuu Siree ganda Ombossee jedhamu keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa Guraandhala 15, 2025 halkan keessaa naannoo sa’atii 2:00 booda mana cidhaa tokko deemuun dhukaasa erga irratti bananii booda dargaggoo maqaan isaa Taayyee Ibsaa jedhamu rasaasaan madeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun mana namaa taa’ee kan hojii hojjetuu fi hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, yeroo ammaa kanas madoo ulfaataa isa mudateef hospitaalatti yaalamaa jiraachuu fi du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uu isaa dubbatu. 

Loltoonni Bilxiginnaa hoggaa gara mana cidhaa sana deeman dargaggoota ammaaf hedduu halkanuma sana ukkaamsuun hidhaatti darbachuu fi akkuma waliigala aanichaatti dararaan gara jabinaa maqaa adda addaan hawaasa irratti raawwatamu hammaatee jiraachuun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading