ONM-ABO Gurraandhala 17, 2025
Tarkaanfii Duula Cichoomina Kaayyoo yeroo darbe WBO’n godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu bulchiinsa magaalaa Beenaa 2’ffaa’tti milishootaa fi poolisii federaalaa irrattii fudhatee daaraa godheef, itti gaafatamaa dhimma nageenyaa godinichaa fi itti aanaa isaa dabalatee namoonni 5 sababa dhumaatii jaraaf “isintu hanqina qaba; gaafatama seeraa jalaa hin baatan” jedhamuun qajeelcha poolisii godinaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Itti gaafatamaan dhimma nageenyaa kun armaan dura manni jireenyaa isaa hoteela magaalaa Mattuu keessa jiru gamoo beekamaa irra jiraataa kan turee fi eegdota lamaan eegamaa turuun eeramee jira.
Yeroo ammaa kanas, sababa wal shakkii fi wal gaareffannaan gidduu ergamtoota sirnichaatti babal’achaa jiruun, impaayerattiin raafama hamaa keessa seentee jirti.
Murni qaamolee tikaan riifoormii godhe jedhee dubbatu qaamoleedhuma amaneenii bobbaase deebi’ee shakkuun hojii irraa dhaabaa fi hidhaa jiraachuun ni beekama.


