• Thu. Nov 26th, 2026

Dhalattoonni Amaaraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu mandheeffachuun finxaaleeyyii Amaaraa gargaaraa jiraachuun himame

Feb 25, 2025

ONM-ABO Guraandhala 17, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa karaa laga Mormor bishaan ce’uun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee hedduu keessatti gochoota gara jabinaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, maandheewwan isaanii gurguddoon karaa dinagdee fi siyaasaan utubuuf ijaaraman magaalaa Shaambuu keessa socho’uun garee badii baadiyyaalee aanichaa keessatti ijaaraman tumsuun uummata fichisiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen sobanii nama nagaa fakkaachuun hojii siyaasaa hojjetaa kan jiran ta’uu himuun, yeroo darbe ayyaana Cuuphaa irratti “maaliif Afaan Oromoon haa lallabamu jettu” jechuun Bilxiginnaa waliin harka lafa jalaan walii galanii ilmaan Oromoo mana hidhaatti guursisuu jiraattonni dubbatu. 

Magaalaa Shaambuu keessatti namoonni koree qindeesituu Faannoo ta’anii fi deggersa barbaachisu hunda gumaachuun bira dhaabbatan kanneen maqaan isaanii:

  1. Mariid Bayyanee, 
  2. Kindee Mangistuu, 
  3. Mucuu Kabbadee, 
  4. Daagim Geetaachoo, 
  5. Dassaalee, 
  6. Amaaree Geetaachoo fi
  7. Muraad kanneen jedhaman ta’uu namoonni itti dhiheenyaan beekan ibsanii jiru. 

Leave a Reply