ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025
Prezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Urshulaa von der Leyen Kibxata darbe Yukireenitti ergamaa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp kan ta’e Keet Keelogitti Awurooppaan marii waraana Yukireen xumuruuf kaayyeffate irratti US waliin hojjechuu barbaaddi jechuun himan.
“US waliin Yukireeniif nagaa haqa qabeessaa fi waaraatti geessu barbaanna,” jechuun barreeffama waltajjii miidiyaa hawaasaa X irratti erga Keeloog waliin Biraasils irratti wal arganiin booda dubbatan.
“Faayinaansii fi waraanaan Awurooppaan nama kamiyyuu caalaa minjaala irratti dhibdee fiddee jirti, kanas duratti ni tarkaanfanna” jette.
Walgahiin isaanii kan ta’e, yeroo qondaaltonni Ameerikaa fi Raashiyaa Riyaad keessatti marii sadarkaa olaanaa hanga har’aatti diina Waraana Ololaa duraanii lamaan waraana Yukireen xumuruu irratti walitti fiduun geggeeffamaa jirutti.
Waajjirri von der Leyen ibsa baaseen akka jettetti, “murtoon kamiyyuu walabummaa, abbaa biyyummaa fi tokkummaa naannoo Yukireen kabajuu akka qabu irra deebitee ibsuun wabii nageenyaa cimaa ta’een deggaramuu qaba” jetti.
Akkasumas karoora Awurooppaan “oomishaa fi baasii ittisaa guddisuuf, dandeettii waraanaa Awurooppaa fi Yukireen cimsuu” ibsiteetti jechuun Rooyiters gabaaseera.

