• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Siree keessatti hidhaan ergamtoota maafiyaa PP’n jiraattota irratti raawwatu jabaatee itti fufe

Feb 25, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 18, 2025 

Bara bulchiinsa abbaa irree Bilxiginnaa keessatti kan yeroo kamiiyyuu caalaatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun akka bineensaatti adamsamanii ajjeefamuu, hidhamuu, saamamuu, qe’ee fi qabeenyi isaanii mancaafamuu akkasumas shamarranii fi hawwan Oromoo waraana sirnichaan gudeedamuun jabaatee jira.

Haaluma kanaan, Gurraandhala 15, 2025 loltoonni Koloneel Abiy Ahimed aanaa Siree ganda Kolobaa Hawaas keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Hajii Mohaammad,
  2. Kamaal Oofaqoo,
  3. Jibiriil Zeenaan fi
  4. Abdullaxiif Abdulzarraaq 

jedhaman maqaa “ilmaan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun reebicha ulfaataa erga irraan ga’aniin booda mooraa waraana impaayerattii Kamisee jedhamutti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen badii tokkollee kan hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa kan qaban ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo waan isaan hin ilaallanneen yakkanii hidhaatti darbachuun wayita maatiin namoota kanneenii nyaataa geessaniifis doorsisuun, jechoota safuu hawaasichaa cabsaniin arrabsanii ari’uu ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply