ONM-ABO Guraandhala 18, 2025
Kiyyoo ittiin ummanni Oromoo sakaalamu guyyuu soqanii bifa haarawaan kan gadi bahan gareen Bilxiginnaa maqaa misooma Koriidarii jedhuun bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessaa namoota buqqisaa akkuma turan gara kutaalee Oromiyaa garaa garaatti babaldhisuun beenyaa tokko malee jiraattota buqqisuu haalaan cimsanii itti fufuun jiraattotatti yaaddoo ulfaataa ta’uu ONM odeeffateera.
Godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti Gurraandhala 17, 2025 irraa eegalee maqaa miidhagina magaalichaan kaadirootni sirnichaa fi waraanni maafiyaan PP manneen daandii gubbaa hawaasa jalaa diigaa akka jiran kan himamu oggaa ta’u, jiraattonni qabeenyaa isaanii tokkollee osoo keessaa hin baafatin jalaa manca’aa jiraachuu miira aarii fi mufannaatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Namoonni manneen keenya diigamnaan eessa deemna? Maaliif mootummaan kun manneen keenya beenyaa tokko malee nurraa diigaa fi ilmaan keenya garam geessina jedhanii gaaffii kaasuun manneen hidhaattti darbataman muraasni maqaan nu ga’e:
- Ayyaalee korroosoo,
- Baatii Waatiyee,
- Daggaloo Jibboo fi kanneen biroo ta’uun beekameera.





