• Thu. Mar 19th, 2026

Lixa Oromiyaa bakkeewwan addaa addaatti ergamtoonni Bilxiginnaa walitti deebi’uun garmalee wal hiraarsaa jiraachuun dhaga’ame

Feb 25, 2025

ONM-ABO Guraandhala 18, 2025 

Lukkeeleen Bilxiginnaa ajaja humnaa olii walitti kennuun waliif ajajamuu dhabuu fi faayidaa xiqqoo waan sabbata haadha hiyyeessaa irraa hiikkatan illee adda qooddannaa isaa irratti wal dhabuun tarkaanfii reebichaa hanga ajjeechaatiin wal adabaa  jiru.

Haaluma kanaan, bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti kantiibaan magaalichaa hojjettoota mootummaa seektara garaa garaa irra jiran maqaa “miseensummaa dhaaba keenyaa guutuu qabdu” jedhuun dirqamsiisaa kan jiru yoo ta’u, kanneen hin guunnu jedhanii morman ammoo bakkaa kaasuun gara bakkoota sadarkaa barnoota isaaniin wal hin madaalletti ergee jireenya itti hadheessaa jiraachuu fi hojii idilee irraas ari’aa kan jiru ta’uu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa ONM’tti himanii jiru.

Kana malees, magaalaa Naqamtee keessatti maqaa ijaarsa Kooriidarii jedhuunis jiraattonni hedduu dararamaa kan jiran yoo ta’u, innis armaan dura daandii irraa fageenya meetira 27 keessa seenanii akka diiganiif kan dirqamsiifamanii turan, wayita ammaa kana ammoo hanqina baajetaa mudate bu’uura godhachuun erga hawaasni qabeenya isaa guutummaan diigee of jalaa mancaasee harka qullaa hafee fageenya meetira 2 qofa daandii irraa keessa seenamee diigamuu qaba jechuun itti qoosaa kan jiran ta’uun eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading