ONM-ABO Guraandhala 18, 2025
Miirri namummaa tokko kan irraa hin calaqqisne aadaa fi duudhaa uummataa kabajanii kan hin jiraanne eegdonni barcuma koloneel Abiy Ahimed waraanni Bilxiginnaa bakkaa fi yeroo fedhanitti afaan qawwee fayyadamuun uummata homaatuu of harkaa hin qabne hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi dararaa addaa addaan gidirsaa jiraachuun kan beekamuudha.
Ta’us eegdonni mirga uummataa WBO’n nuffii fi dadhabbii tokko malee bilisummaa waaraa saba isaa gonfachiisuuf kan carraaqu goleewwan Oromiyaa cufa keessatti tiksitoota murna Bilxiginnaa irratti halleellaa raawwachuun akkuma jedhe mirga saba isaa kabachiisuuf ifaajaa jira.
Bifuma kanaan kaleessa Guraandhala 17, 2025 WBO’n Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Eegoo Girmoos keessatti milishootaa fi waraana murna PP dirqiin uummata waltajjii baastee hiraarsaa jirtu itti marsuun erga burjaajesseen booda milishaa sirnichaa tokko qawwee waliin fayyaatti harkaan qabuun injifannoon irra aanee jiraachuu gabaasni hooggana WBO naannichaa irraa arganne ni addeessa.

