ONM-ABO Guraandhala 17, 2025
Rippabilikni Dimookiraatawaa Mootummaa Koongoo Sanbata darbe akka jedhetti Waraanni Ruwaandaa fi michoonni ishee magaalaa baha Bukaa bulchiinsa Kibba Kiivu keessa seenan ibsuun uummanni akka dammaqinaan taa’aan dhaamaniiru.
“Mootummaan hordofaa jira, sa’aatiin, haala Bukaavuu keessatti ta’aa jiru jechuun seensa waraana Ruwaandaa fi gargaartota isaa ganama kaleessaa mul’ateera,” jechuun Ministeerri Komunikeeshinii Koongoo X irratti ibseera.
Finciltoonni M23 Jimaata darbe buufata xiyyaaraa Kavuumu, magaalaa guddoo bulchiinsa Bukaa baha Kibba Kiivuu irraa kiiloo meetira 25 fagaattee argamtu qabachuu isaanii himate.
Akkasumas, Kavuumu qabachuu isaanii hordofuun Bukaavuu seenan.
Mootummaan Koongoo murtii nagaa tuffachuu isaa balaaleffachuun humnoonni idil-addunyaa adda addaa naannichatti dhukaasa dhaabuuf akka gargaaran gaafateera.
Amajjii 26 irraa eegalee namoonni 3,000 ol ajjeefamanii, 2,880 ammoo madaa’uu, fi 500,000 ol kan buqqa’an yoo ta’u, namoota duraan biyya keessaa buqqa’an miliyoona 6.4 ol dabaluu isaanii UN ibseera.
Afrikaa Kibbaa irraa 14 dabalatee yoo xiqqaate nagaa eegdonni 20 ta’an finciltoota M23 fi humnoota Koongoo gidduutti walitti bu’iinsa uumameen ajjeefamaniiru.
Kinshaasaan Ruwaandaan finciltoota M23 deggaruun humnoota gara Baha Koongootti erguun lola kana jajjabeessaa jirti jechuun yoo himatu Kigaaliin himannaa finciltoota deggara jedhu irra deddeebitee haaltetti jechuun Anaadooluun gabaaseera.

