• Wed. Nov 25th, 2026

Murni maafiyaa PP Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti namoota nagaa sadii irratti ajjeechaa raawwachuun dhaga’ame 

Feb 25, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025 

Waraanni murna Bilxiginnaa aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Raasaa Madiinee keessatti Gurraandhala 17, 2025 WBO’n du’aa fi madoon adabnaan bifa haaloo ba’annaatiin namoota nagaa 3 maanguddoo maqaan isaa Umar Alii Abduromaan jedhamanii fi namoota lama kan maqaan isaanii Ammadee Kamaalii fi abbaa ilmaan 5 kan ta’e Ahimad Hasan Ammadee namoota jedhaman mana isaanii keessaa gadi baafachuun akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesaniiru.

Aanichuma ganda Qoriitti shiftoonni murna PP  Gurraandhala 13, 2025 jiraataa magaalaa Fursee kan ta’e hojii daldalaan kan jiraatu nama maqaan isaa Hasan Giliz jedhamu sababa tokko malee qabanii garmalee reebuun qarshii fi qawwee kee fidi jedhanii dirqamaan irraa fudhatanii deemuun ifoomeera. 

Kana malees Gurraandhala 16, 2025 harmee maqaan ishee Aadde Ashoo Adam jedhamtu wayita isheen magaalaa Furseetti qoraan gurgurachuuf deemtu waraanni faashistii PP qabanii iddoo WBO’n jiru nu geessi jechuun kan dirqamsiisan ogguu ta’u, haadhi kun an hin beeku iddoo isaan jiran jennaan maqaa dharaa itti maxxansuun atuu deggertuu WBO’ti jechuun reebicha ulfaataa irratti raawwachuun qabanii hidhuun beekameera.

Leave a Reply