• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraarootti lukkeeleen Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa mana tokko keessaa nama 7 hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun himame

Feb 26, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025 

“Ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira, daftanii bosonaa hin galchitan taanaan asuma keessatti dhumtu” jechuun maatii qabsaa’otaa doorsisaa kan jiran lukkeeleen Bilxiginnaa, Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa maatii qabsaa’otaa jumlaan ukkaamsanii hidhaatti darbachuun qarshii gurguddaa gaafataa jiru. 

Godina Arsii aanaa Siraaroo ganda Jaartii Baquleetii jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “ilma keessantu Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun badii tokko malee maatii tokko keessaa namoota 7 kanneen maqaan isaanii:

  1. Mahaammad Tum’aa,
  2. Sa’id Tum’aa, 
  3. Ahimad Tum’aa,
  4. Tuullaa Tum’aa,
  5. Sinquu Tum’aa, 
  6. Adichoo Tum’aa fi 
  7. haadha isaanii dabalatee torban tokko dura qabanii hidhaatti darbachuun hanga ammaatti garmalee dararamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Maatiin kun badii tokkollee osoo hin qabaatin lukkeelee Bilxiginnaan dararamaa kan jiran yoo ta’u, mana hidhaa jiran keessattis doorsisa, reebichaa fi arrabsoo irra ga’aa jiruun qaamaa fi qorqalbiin miidhamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

Mana hidhaa sana keessaa ba’uuf qarshii guddaa gaafatamuu fi namoota 7’f immoo qarshii guddaan kaffalamu kan hin jirre yoo ta’u, ganduma sana keessaa namoonni haala yeroon waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii jiran hanga qarshii 100,000’tti gaafatamaa jiraachuun baramee jira.

Leave a Reply