• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Habrootti dargaggoon tokko ajajaa poolisii Bilxiginnaa tokko irratti ajjeechaa raawwate

Feb 26, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025

Aanaa Habroo araddaa 21 jedhamu irraa Gurraandhala 16, 2025 ajajaan poolisii Bilxiginnaa maqaan isaa Waaqumaa jedhamu badii tokko malee dargaggoo maqaan isaa Xahaa Abdullee ykn Ibraahim jedhamu reebicha hamaa qaama laalessu reebuun lafatti gatee biraa deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Dargaggoon kun guyyaa reebamaa erga ooleen booda of jajjabeessee achi ka’uun, gara galgalaa riphee naannoo magaalaa Beeroo jedhamutti eeggachuun mancaan morma ajajaa poolisii sanaa irraa darbee ajjeesuun haaloo isaa ba’achuu jiraattonni araddichaa itti dabaluun himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, dargaggoon kun cunqursaa yeroo yeroon irratti raawwatamu balfuun tarkaanfii laalessaa kana poolisii Bilxiginnaa sana irratti kan fudhate ta’uu ibsuun, gochaa walfakkaataan akkasii Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti babal’achuun loltoota sirnichaa hawaasa meesha maleessa dararuu qofa hojii godhatan kana ofirraa faccisuu akka qabu cimsanii dubbatu.

Leave a Reply