ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025
Duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo irratti geggeessaa kan jiru murni Bilxiginnaa, sabboontota ilmaan Oromoo golee Oromiyaa garaa garaa irraa jireenya isaanii fooyyeffachuuf magaalaa Finfinnee fi naannawaa ishee keessa jiraatan maqaa sobaa itti maxxansuun adamsee ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuun baratamaa ta’ee jira.
Haaluma kanaan Gurraandhala 16, 2025
Waraanni faashistii PP kutaa magaalaa Shaggar naannoo mana waliin jireenyaa (Kondoominiyeemii) Kooyyee Facceetti dargaggoo Oromoo maqaan isaa Amaanu’eel Taammiruu Gammachuu jedhamu badii tokko malee rasaasaan miilla isaa rukutanii madeessuun, yeroo ammaa kanas mana yaalaa keessatti haala ulfaataa irra jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ifoomsanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun dhaloonni isaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu yoo ta’u, jireenya dhuunfaa isaa fooyyeffachuuf jecha naannoo amma itti rukutame sanaa hojii humnaa akka hojjetu himan. Namni kun badii qabaateef osoo hin taane ajajaa milishaa PP naannichaa kan ta’e namni maqaan isaa Inispeekter Fayisaa jedhamu dhugaatii alkoolii dhugee machaa’uun, Oromoonni naannoo Wallaggaatii dhuftan hundi keessanuu deeggartoota WBO’ti jechuun sababa Oromummaa isaa qofaaf itti dhukaasuun jilba isaa gararraa madeessuu ONM’tti himaniiru.


