ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025
Yeroo itti uummatni nyaatee buluu dadhabee, bitatee galuun itti ulfaatee, horsiifatee buluun dadhabame keessatti Bilxiginnaan badhaadhina faarsus, uummatni garuu balaa hongeen horiin isaa du’uu eegalteetti.
Kibba Oromiyaa aanaa Gooroo Doolaa keessatti sababa bonni dheerateef horiin bishaan dhugdu dhabdee du’aa jirti.
Jiraataa aanichaa kan ta’e Obbo Mohaammad Baatii Adulaa kan jedhamu jalaa sababa hongeef horiin isaanii bishaan dhabuun laaqii kuufamaa tokko dhuguun Gurraandhala 21, 2025 du’uun barameera.
Nama kana jalaa loon 11 kan duute yoo ta’u, jiraattota biroo irrattis taatewwan wal fakkaatoon uumamaniiru.
Sababa loon isaanii jalaa du’aa jirtuufis jiraattotni waan ittiin of jireessan dhabuun gargaarsa eeggachuuf saaxilamaa jiraachuun barameera.
Aanaan Gooroo Doolaa sababa caaseffama haaraa Gurraandhala 2023 diriirsaniin godina Gujii Bahaa jalaa ba’ee Boorana Bahaa jala waan goreef aanicha keessatti waldhabdeen ka’aa turuun ni beekama.



