• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Walloo Magaalaa Kamisee keessatti hanqina kuusaa qorichaa hospitaala walii galaa magaalichaatiin hawaasni miidhamaa jiraachuun ibsame

Feb 28, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025 

Hospitaalli walii galaa bulchiinsa magaalaa Kamisee keessatti argamu hospitaala guddicha godina sanaa oggaa ta’u, garuu tajaajilli uummanni irraa argachaa jiru ga’aa akka hin taane jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Haalli dhiyeessii qorichootaa danqaa itti uumaa jiraachuus kan himan jiraattonni, ogeessonni fayyaa dantaa dhuunfaa isaanii fi siyaasa murna Bilxiginnaa keessatti dagaagsuuf jecha, manneen kuusaa qorichaa duwwaa taasisuun dhukkubsattoota sirnaan yaala ga’aa kennuufii dhiisuun faarmaasii dhuunfaatti waraqaa akka barreessaafii jiran beekameera.

Manni qorichaa hawaasaa magaalaa Kamisee fi Dawaa Caffaa magaalattii keessatti kan banameef warra inshuraansii fayyaa qabaniif bilisaan akkasumas, warra kaaniif gatii salphaan qoricha dhiheessuu fi warri hospitaalaa qoricha achi hin jirre gara faarmaasii hawaasaa deemanii akka fudhatan itti himuu osoo qabanii galii namoota dhuunfaa foyyeessuuf jecha hawaasa irraan miidhaa ga’aa akka jiranis ni beekama.

Leave a Reply