• Sat. Oct 17th, 2026

Hoogganaan Yeroo Siiriyaa ce’umsa siyaasaa irratti marii biyyaalessaa eegale

Feb 28, 2025

ONM- ABO Gurraandhala 26, 2025 

Hoogganaan qabatamaan Siiriyaa irra deebi’anii yeroo mariin egeree biyyattii irratti banamu ce’umsa siyaasaa dimokiraatawaa ta’e akka raawwatan himaniiru.

Ahmed al-Sharaa kaleessa  lammiileen isaa akka tokko  ta’anii fi qaama haqaa ce’umsaa akka hundeessu waadaa galeera. Kunis  hirmaattoota marii biyyaalessaa waggoota waraana biyya keessaa waggoota dheeraa fi kufaatii pirezidaantii duraanii Bashar al-Asad hordofuun ce’umsa siyaasaa biyyattii qajeelchuuf kaayyeffate erga simataniin booda.

Akkasumas, mootummaan meeshaa waraanaa irratti aangoo guutuun akka geggeessu kan dubbatan yoo ta’u, kunis biyya gareewwan hidhannoo hedduu waggoota dhiyoo asitti itti dabarsan keessatti dhimma ijoodha.

Walgahiin magaalaa guddoo biyyattii Daamaasqoo keessatti Al-Sharaa fi bulchaa isaanii Hayat Tahrir al-Sham (HTS)n geggeeffame kun akka milkaa’ina olaanaa ce’umsa dimokiraasii fi hunda hammatee fi irra deebiin ijaaruutti kan ilaalamuudha. Haa ta’u malee adeemsichi ariifataa jira jechuun yaaddoo qaba.

Shaaraan haasaa baniinsaa isaanii irratti, “Lammiileen Siiriyaa hundi tokkummaa dhaabbatanii madaa fayyisuu fi dhukkubbii dhiquu akka qaban nan gaafadha, yeroo sanatti koreen haqaa ce’umsaa ni ijaarama jechuun beeksise.

Yaadni konfiraansii dirqama kan hin qabne yoo ta’u, hawaasni addunyaa yeroo bulchiinsa al-Assad’tti qoqqobbii kaa’anii turan kaa’uu fi dhiisuu isaa murteessuuf bu’aa isaa itti dhiyeenyaan ilaalaa jiru jechuun Aljazeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading