ONM-ABO Guraandhala 28, 2025
Lakkoofsi namoota Goomaa fi naannoo ishee baha Dimookiraatawaa Rippabiliika Koongootti ajjeefaman erga baatii Amajjii irraa eegalee 8,500 ol ta’uun himame. Kunis yeroo finciltoonni M23 humnoota mootummaa waliin lola cimaa taasisuun magaalattii booji’uu isaanii irraan akka ta’e aanga’oonni ibsan.
Ministirri Fayyaa Saamu’eel-Roojar Kaambaa akka jedhanitti, madoon 5,700 ol galmaa’eera.
”Magaalaa Goomaa keessatti namoota 8,500 ol awwaalleerra. Ammallee bakka reeffi itti gatamu 30 qabna,” jechuun Kaambaan madaallii yeroo dhiyootti rakkoo namoomaa Goomaa, magaalaa guddoo bulchiinsa Kaaba Kiivuutti mudate ilaalchisee ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.
“Guyyoota lamaan darban qofa reeffa namoota 23 Guraandhala 23 fi 25 gidduutti ajjeefaman deebifneerra.”
Amajjii 27, finciltoonni M23, kanneen Ruwaandaan deggaraman jedhaman, Goomaa fudhachuu isaanii kan himan yoo ta’u, mootummaan magaalaa Kinshaasaa keessa jiraatu humnoonni Ruwaandaa magaalattii keessatti akka argaman himaniiru.
Kamisa kaleessaa ammoo hiriira finciltoota M23 Bukaavuu keessatti yoo xiqqaate namoota 11 ajjeesee 65 madeesseera.
M23n dantaa gosa Tuutsii Kongoo keessatti baay’inni isaanii xiqqaa ta’e ittisaan jira yoo jedhu, gosti kun walitti hidhamiinsa sabaa hawaasa Tuutsii Ruwaandaa waliin qabaniin loogiin akka isaan mudataa jiru kaasuun dubbachaa akka jiru Anaadooluun gabaaseera.







