• Thu. Apr 30th, 2026

Faalama Warshaatiin Godina Baha Shaggar Aanaa Adaamaatti uumamaa jiruun gaalli 48 lubbuun darbuun dhaga’ame 

Mar 1, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025 

Ganna ganna maqaa jijjiirama qilleensaa to’achuuf biqilaa dhaabna jedhanis, dantaa siyaasa isaaniif waraana isaaniin bosona mancaasuu fi warshaalee qe’ee hawaasaa keessatti gadi dhaabsisuun jijjiirama qilleensaa uumameen gaaga’amni beeyladoota, bineeldotaa fi jireenya uummataa irratti mudataa jira.

Haaluma kanaan jijjiirama qilleensaa fi faalama bishaanii Baha Shaggar aanaa Adaamaa keessatti mudateen gaalotni 48 lubbuun darbuu jiraattotni ibsan.

Aanicha keessatti warshaan bulchiinsa aanaa Adaamaa fi Lumee Edduu ganda Joogoo Gudeeddootti argamu keessaa summiin warshicha keessaa ba’u bishaan naannoo faaluun  gaalli aanaa Fantaallee irraa garas deemtu bishaan kana dhuguun guyyaadhaa guyyaatti du’aa jiraachuun ibsameera. 

Keessattuu ganda ilmaan Dhuccee fi Qarsee irra caalmaatti lubbuun darbaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, lubbuu bararuu fi gaaga’amni kana caalu akka hin mudanneef yaaliin bulchiinsa warshichaa fi ogeessota fayyaa beelladaa aanichaan geggeeffamu kan hin jirre ta’uun ifoomeera.

Jalqaba irrattis, Gaalli bishaan summaaye kan warshaa ganda Qobbo’oo Luuxoo keessatti argamu jalaa yaa’u fi bakka Furdisa horii  mataa magaalaa Adaamaa gubbatti argamu jalaa yaa’uun bakka tokkotti kuufame dhugee achirraa dhumuus himuun, hanga gabaasni kun qindaa’etti du’aa jiraachuu fi yaaliin lubbbuu oolchus karaa murna PP kennamaafii akka hin jirres jiraattotni dabaluun himaniiru. 

Uummanni miidhaan qabeenya isaanii irra ga’aa jirus waajjirri eegumsa fayyaa horii kan Adaamaa fi aanaa Fantaallee addatti itti siqeenyaan dirmannaa uummata kanaa godhanii qabeenya uummata kanaa akka baraaranii fi bishaan summaa’aa horii kana fixe,  ammas horiin biraa akka hin fayyadamnee fi qaamni abbummaan qabeenyi warshaa fi furdisa horii bishaan summaa’aa gadi lakkisaa jiru itti gaafatamummaa akka fudhataniif qaamni dhimmi ilaalu akka nuuf hordofu  jechuunis dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading