• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Shaggaritti daa’imman lama maqaa obboleessa keessantu humna ittisaa WBO’ti jedhuun ukkaamfamuun dhaga’ame 

Mar 1, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025 

Impaayera Itiyoophiyaa mirgi namoomaa tasumaa keessatti hin kabajamnetti daa’imman hamaa fi gaarii adda hin baasne illee loltootni Bilxiginnaa Isnaayiperiin mataa irraa facaasaa fi gariin ammoo umrii isaanii malee yakkuun hidhaan hiraarsuun baratamee jira.

Bifuma kanaan Guraandhala 25, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shubii Gamoo iddoo addaa Somboo jedhamuun beekamutti  Daa’imman lama kan ganna 7 fi ganna 12 ta’an kanneen maqaan isaanii: 

  1. Diittaa Kurfaa fi 
  2. Taliilaa Kurfaa 

jedhaman waraanni Bilxiginnaa badii tokko malee mana maatii isaaniitii qabuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti achi buuteen isaanii dhabamsiifamuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni kun jedhanitti gochi murni Bilxiginnaa nu irratti geggeessaa jiru kun gocha farra namoomaa fi diinummaa Oromummaaf qaban mul’isa jechuun miira gaddaan guutameen ibsaniiru.

Leave a Reply