ONM-ABO Bitootessa 1, 2025
Murni garboomfataan PP sochii hidhattoonni finxaaleeyyii Amaaraa Oromiyaa keessatti taasisan tumsuun gaaga’amni lubbuu fi qabeenyaa uummata Oromoo irratti akka jabaatu gochuun ibsame.
Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murna Bilxiginnaan aanaa Amuruu akka riqichaatti itti fayyadamuun aanaalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi Baha Wallaggaa seenuun hawaasa Oromoo gama danda’aniin hubaa kan jiran gandoota aanichaa hunda keessatti dararaa hamaa raawwachaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Ganda Hoofii jedhamu irraa hidhattoonni kunneen Gurraandhala 26, 2025 obboleeyyan lamaan kanneen maqaan isaanii Dassaalee Alamuu fi Mangistuu Alamuu jedhaman jalaa qabeenya qarshii 50,000 olitti tilmaamamu saamuun yoo deeman, Dassaaleen reebicha hamaa irra gaheen buufata fayyaa magaalaa Agamsaatti argamutti baatamee geeffamuu fi lubbuun hafuun isaa illee shakkisiisaa ta’uun ifoomeera.
Kana malees, aanaadhuma kana ganda Guddina Jireenyaa bakka addaa Takilaa jedhamu irraa finxaaleeyyiin maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho’an Gurraandhala 25, 2025 nama Galataa Lamuu jedhamu jalaa mana 2 fi ooyiruu bunaa jalaa barbadeessuun ibsameera.

