ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Dhallaadduu Haroo Diimaa keessatti Gurraandhala 23, 2025 waraanni Rayyaa Ittisa impaayerittii uummata nagaa saamuu jiraattotni gandichaa eeran. Namoonnii saamaman Kunneenis Abirahim Iliyaas Qarshii 150,000, Kamaal Amuumaa 70,000, Aaruun Taammiruu 20,000 kan saamaman yoo ta’an, Obbo Kamisoo Qannoo immoo reebicha hamaa irraan gahuun rakkoo ulfaataa keessa jiraachuun ifoomee jira.
Akka maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti ijaarsi caasaa Shimallis Abdiisaa Oromiyaatti guyyaa labsamee kaasee gaaga’amni lubbuu fi qabeenyaa saba Oromoo irratti adeemaa jiru sabicha duguuguuf itti yaadamee kan kaayyeffatameedha jechuun ibsaniiru.
Gareen faashistii PP yeroo itti abdii kutatee impaayerattii gadi lakkisuun bahuu qabutti, saamee fi ajjeesee of suphuuf tattaaffii gochaa jira. Sirnichi waraana isaa miira sagaagalummaan ijaaree bobbaasee haawwan irratti yakka fokkisaa raawwachuu fi abbootii qabeenyaa irraa kaasee hanga harka qalleeyyiitti addunyaa siyaasaa keessatti waan mul’atee hin beekne irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.


