ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025
Bu’uura ilma namaaf kan barbaachisu keessaa manni isa tokko oggaa ta’u, maatiin jireenya isaa foyyeeffatee barnoota gaarii ilmaan isaa barsiifachuuf quubsuma miidhagaa fi hawwataan yoo jiraate dhaloonni biyya isaa fi gaddisa lammiilee ta’ee jijjiirama guddaa argamsiisa.
Haa ta’u malee impaayerri Itiyoophiyaa bakka gubannaa ilmaan namaa ta’uun mannii fi qabeenyi uummataa bulchitoota sirnichaan guyyuu gubachaa kan jiru yoo ta’u, Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo iddoo addaa Daakaa jedhamutti Gurraandhala 25, 2025 waraannii maafiyaan PP mana jireenyaa Obbo Diroo Fayyisaa Nugusaa qabeenya keessa jiru waliin ibidda itti qabsiisanii gubaniii barbadeessuun ibsameera.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, kan aanaalee fi bulchaan Bilxiginnaa Abiy Ahimed manneen jireenyaa hawaasa impaayerattii keessatti rakkachaa jiraniif ijaarree gargaarsaaf oolchaa jirra jedhanii dubbachaa kan jiran ta’us, bulchiinsi isaan hojii isaa bareechanii dubbatan waggoottan ja’aan impaayerattii bulchaa ture keessatti maatii hedduu mana irratti gubee haadhaa fi ilmoo addaan baasuun jireenya godaansaa fi daandii gubbaa akka jiraatan taasisuu irratti argama.


