ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025
Iraan Roobii darbe qoqqobbii marsaa haaraa Ameerikaan biyyattii irra keesse “mallattoo diinummaa ifa ta’e” jechuun balaaleffatteetti. Kunis erga Washington namootaa fi dooniiwwan 30 ol daldala boba’aa ishee waliin hidhata qaban galmee gurraacha jala galchitee booda.
Waashingitan tarkaanfiiwwan kana Wiixata kan ifoomsite yoo ta’u, itti gaafatamaa dhaabbata boba’aa biyyaalessaa irratti kan xiyyeeffateedha. Kanneen biroo ammoo gurgurtaa boba’aa daldaluudhaan himataman.
Erga prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp imaammata “dhiibbaa guddaa” Teeyiran irratti qaban deebi’anii erga kaa’anii ji’a tokko hin guunne keessatti qoqqobbii lammaffaa ture.
Tiraamp erga baatii Amajjii keessa gara Waayit Haawusitti deebi’anii as, “biyya guddaa fi milkaa’aa” ta’uu akka barbaaddu ibsuun, Iraan waliin akka mari’atan gaafataniiru.
Wiixata Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbas Aragachii sagantaa niwukilaraa biyya isaanii irratti “dhiibbaa, doorsisa ykn qoqqobbii” jedhuun kallattiin Waashingitan waliin mari’achuu akka danda’an kuffisaniiru.
Iraan baatii Sadaasa keessa hirmaannaa haaromfame hordofuun Biriteen, Faransaayii fi Jarmanii waliin marii niwukilaraa haaraa geggeessiteetti jechuun Doochi Waleen gabaaseera.

