• Tue. Nov 24th, 2026

Dhaabbanni mirga daa’immanii UNICEF akka jedhetti ijoolleen walakkaa miliyoonaa ta’an Libaanos keessatti argaman mana barumsaa dhaqaa akka hin jirre ibse

Mar 2, 2025

ONM-ABO Bitootessa 2, 2025 

UNICEF Jimaata darbe akka gabaasetti lakkoofsi daa’imman mana barumsaa Libaanositti barachuu hin dandeenye 500,000 ga’eera, sababiin isaas biyyattiin dhiibbaa hamaa waldhabdee fi hawaas-dinagdeetiin walqabatee dhufu waliin wal’aansoo qabachuu itti fufteetti jedhe.

Waajjirri UN torbanitti ibsa gaazexeessitootaa Geneva keessatti kennu irratti, Etii Higiins, itti aantuun bakka buutuu UNICEF Libaanos keessatti kan taate, haala jiru irratti odeeffannoo haaraa kenniteetti.

Higiins haleellaan Israa’el Libaanos irratti raawwattu namoota, keessumaa daa’imman, miidhaa fi rakkina hamaaf saaxilee jira jette.

Akka gabaasa UNICEF isa haaraatti, daa’imman Libaanos keessa jiran, keessumaa naannoolee akka Baalbek fi gammoojjii Bekaatti, dhukaasa dhaabuun alatti gidiraa guddaa dandamachuu itti fufaniiru.

“Naannoo baha Libaanos keessatti daa’imman umuriin isaanii waggaa 2 gadi ta’e walakkaa ol ta’an hanqina wabii nyaataa cimaa keessa jiru. Kun ammoo waggaa tokko duraa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa ol ta’a,” jechuun Higiins haala hammaataa biyyattii keessatti mul’atu hubachiisaniiru.

Akka gabaasa UNICEF tti ji’a darbe ammallee daa’imman %25 ol mana barumsaatii ba’aniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply