ONM-ABO Bitootessa 2, 2025
Lukkeeleen Bilxiginnaa aanaa Gololchaatti irra deddeebiin kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabne itti tarreessuun saamicha ulfaataa hawaasa harka qalleeyyii irratti raawwachuun humna waraanaaf oolchaa turuu kan himan jiraattonni, yeroo ammaa kanas maqaa kaffaltii gibira lafaa jedhuun gandoota baadiyyaa aanichaa cufa keessatti mana tokkotti gadi aanaan qarshii 7,000 fi ol aanaan ammoo hanga 12,000’tti karaa seera qabeessa hin taaneen saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Saamichi gibira lafaa kun magaalota aanichaa bakkeewwan addaa addaattis ittuma fufuun, nama tokko irraa qarshii 5,000 fi isaa ol afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun fudhachaa kan jiran yoo ta’u, akkuma guutummaa aanichaatti hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan rakkoo hamtuu keessa jiru waan kaffalu dhabuun hidhaatti guuramee dararamaa jiraachuus maddeen itti dabaluun himan.
Dhaadannoon Koloneel Abiy Ahimed impaayerattiif nageenya buusnaa osoo hin taane, ni barbadeessina, ni diignaa fi kanneen biroo jechuun of-tuulummaan kan dubbatu, Bitootessa 1, 2025 ayyaana Adwaa waggaa 129 irrattis Itiyoophiyaannonni dur irraa kaasee waraana keessa jiraachaa turan jedhee dargaggoota waraanaaf kakaasaa kan ture, kasaaraa lolaa Kaaba impaayerattiitti isa mudate irraa osoo hin dandamatin har’as saamicha taasisuun waraanaaf daranuu of qopheessaa jiraachuu isaa mul’isa.

