• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa walii isaanii hidhuu fi hawaasa doorsisuun himame

Mar 2, 2025

ONM-ABO Bitootessa 2, 2025 

Lukkeeleen Bilxiginnaa yeroo adda addaatti rakkoo keessoo isaaniitti uumamuu fi amala fafummaa agarsiisaa oolan, maqaa walii isaanii balleessanii wal hidhuu hanga wal ajjeesuutti ga’anii jiru.

Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamutti hojjetaa murna Bilxiginnaa kan ta’e nama maqaan isaa Mohaammad Jibriil Sheekoo jedhamu rakkoo dhuunfaa gidduu isaanii gara siyaasaatti jijjiiruun hidhanii jiraachuun ibsameera.

Kana malees, araddaadhuma kana irraa lukkeeleen Bilxiginnaa walii isaanii qusachuu dadhabuun akka sareetti wal nyaachaa kan jiran maqaa “nu irratti wal ijaartanii dhuftan” jedhuun walii isaanii yakkanii jaleewwan maqaan isaanii:

  1. Ahimad Kabiir,
  2. Naasir Mahaammadii fi
  3. Ibraahim Mahaammad kanneen jedhaman sa’atii 24:00 hidhuun qarshii 1,500 adabanii gadi dhiisuun eeramee jira. 

Leave a Reply