• Fri. Nov 20th, 2026

Ajjeechaan Godina Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuutti waraana faashistii PP’n jabaachuun dhaga’ame 

Mar 4, 2025

ONM-ABO Bitootessa 3, 2025 

Dhiibbaan karaa qorqalbii fi ajjeechaan murni garboomfataan PP raawwachaa jiru uummatni abboomamuu fi Bilxiginnaa akka hin deggerre gochuun yeroo mul’achaa jirutti murni tumsa uummataa dhabe kun ajjeesee bulchuu jabeessuun Oromiyaa keessatti guyyaa irraa gara guyyaatti ajjeechaa taasisuu cimsee itti fufeera.

Akkuma kanaanis murni amantaa sabaaf hin qabne Bilxiginnaan qaamolee hidhata WBO qabu jedhee yakkee hidhee turee fi kanneen amantummaan sirnichatti harka laattatan ajjeesuu irratti fuulleffatee hojjechaa jiraachuun godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Kusaayeetti dargaggoo Magarsaa jedhamu kan murnichatti harka kennatee ture Gurraandhala 28, 2025 ajjeesanii gatuun ibsameera.

Kana malees maanguddoo  tokko kan sirnicha waliin hidhata qabu tokkoo fi ganda Gabaa Ayyaanaa keessa dargaggoo tokko ajjeesanii gatuun ibsameera.

Leave a Reply