ONM-ABO Bitootessa 3, 2025
Barreessaan olaanaa NATO Maark Ruutteen biyyoonni Awurooppaa yeroo walii galteen nagaa kun itti raawwatamu wabii nageenyaa Yukireen gargaaruuf murteessuu isaanii jajataniiru.
Baasii ittisaa irratti “beeksisa haaraa dhaga’eera” minjaala irratti kan jedhan Ruuttee, addatti biyya kamiyyuu osoo maqaa hin dhoofne, isaanii ni beeksifatu jechuun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, dubbataniiru.
”Biyyoonni Awurooppaa hedduun baasii ittisaa akka guddisan fedhii agarsiisuun oduu baayyee gammachiisaadha,” jedhan.
“Haalli nageenyaa keenya ittisaaf baasii dabalataa baasuu akka qabnu ni beekna, keessumaa amma gama Awurooppaa fi Kanaadaatiin” jechuun hogganaan NATO ibsuu isaa Doochi Waleen gabaaseera.

