• Fri. Nov 20th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti ummata jumlaan ukkaamsanii mana hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Mar 5, 2025

ONM-ABO Bitootessa 5, 2025 

Bitootessa 1, 2025 aanaa Martii ganda Dambaqaa jedhamuu waraanni maafiyaan PP namoota hedduu ukkaamsuun maallaqa irraa guuruun jabaatee jiraachuun barameera. 

Namoota ukkaamfamuun maallaqa kaffalanii hidhaa irraa ba’an keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Jamaal Haajii Tufaa,
  2. Kadir Galatoo,
  3. Usmaan Biraa fi 
  4. Sadiq Haajii Tufaa  

kanneen jedhaman irraa mallaqa 30,000 tokkoo tokkoo isaanii irraa guuruu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Daddaaqamiinsa siyaasaa impaayerattii raasaa jiru keessatti gaaga’amni uummata Oromoo irra ga’aa jiru yaaddoo dhalootatti ta’uun, dhaloonni silaa baratee biyya jijjiiruu danda’u yakkamee manneen hidhaatti jumlaan guuramee gidirfamuu, dirqiin mooraa waraanaatti ergamee lubbuu dhabuu fi dhaaba siyaasaa Bilxiginnaan faallaa adeemte jedhamee ajjeefamuu fi hidhamee qarshii guddaa gaafatamuun bartee ta’ee itti fufeera.

Leave a Reply