• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti sarbamiinsi mirgoota namoomaa jabaatee itti fufe jiraachuun ibsame

Mar 5, 2025

ONM-ABO Bitootessa 4, 2025 

Waraanni badee balleessaan Itiyoophiyaa  uummata Oromootti roorrisuuf bobbaafame duula duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa ulfaataa akkasumas gubaatii manneenii fi lammiilee nagaa jumlaan hidhuu itti fufee jira.

Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Daawwichaatti Gurraandhala 3, 2025 manneen qonnaan bultoota nagaa balleessaa tokko malee qabeenya guutuu waliin ibidda itti shidanii gubuun barbadeessanii jiru.

Namoonni manneenii fi qabeenyaan jalaa manca’e kunneen maqaan isaanii:

1. Billoo Jimooluu Ayyaanee mana qorqorroo 1,

2. Absaa Dabalaa Gaarii mana qorqorroo 2,

3. Shallamaa Mokonnon Badhaasaa mana qorqorroo 2 yoo ta’u, 

kanneen manni isaanii jalaa diigamuun manca’ee fi qabeenyaan saamame immoo:

4. Tacaanaa Fayyisaa Badhaadhaa qabeenya guutuu saamuun kaan caccabsame,

5. Hafte Maariyaam Addunyaa Dastaa qabeenya guutuu saamuun mana isaa jijjigsanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Bifuma kana fakkaatuun hidhaa jumlaa maatii waliin hidhamanii hiraarfama ulfaataa keessa kanneen jiran:

1.  Siddissee Xaafaa Bocoloo umurii 45,

2.  Boontuu Gammachuu Umurii 30,

3. Fayyisee Kabbabaa Bargaa maanguddoo umurii 70,

4. Dasii Girmaa Tasammaa  maanguddoo umurii 65,

5.  Gammachuu Geetaachoo Kabbadaa Umurii 28,

6.  Adaanuu Gabayyoo Dagaagaa Umurii 65,

7. Shuree Absaa Fayyisaa umurii 38 yommuu taatu maatii ishee ijoollee 3 waliin,

8. Galaanee Kabbee Tolaa umurii 45,

9. Shaashoo Didhaa Bayyanaa Umurii 26,

10. Mazgabee Suyyum Dalalii Umurii 38,

11.  Caalii Taaddasaa Gammadaa Umurii 30

Maatii guutuu ijoolee 4 waliin,

12.  Asaffuu Gaarradaa Mul’ataa umurii 30 yommuu ta’an namoonni kunneen badii tokkollee osoo hin hojjenne mana hidhaatti gidirfamaa jiraachuu jiraattonni naannichaa dubbisne ONM’tti himan.

Leave a Reply