ONM-ABO Bitootessa 4, 2025
Dacheen Oromiyaa humnoota waraanaa mirga ajjeesuu argatanii bobbaafamaniin weeraramuu erga eegalee kan bubbule ta’us, kan bara bulchiinsa sirna Bilxiginnaa daran hammaachuun gurri namaa aduu-dhihee bar’uun ajjeefamuu fi gochoota suukkaneessoo egeree dhalootaaf yaaddessaa ta’an dhaga’aa oola.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Dorgommee iddoo addaa Galmoo jedhamutti waraanni faashistii PP Bitootessa 2, 2025 nama maqaan isaa Obbo Gammachuu Qannaa jedhamu rasaasa shan itti roobsuun ajjeesanii gatuun ibsameera.
Obbo Gammachuun abbaa ijoollee sadii yoo ta’u, hojii qonnaan cinatti guyyoota gabaa hojii daldalaa irratti bobba’uun bulchiinsa magaalaa Dorgommee keessaa killee bituun bulchiinsa magaalaa Dambii Dollootti geessuun gurguree jireenya isaa fi maatii isaa foyyeessuuf halkanii fi guyyaa nama carraaqu malee hirmaannaa siyaasaa dhaaba kam keessaa qooda kan hin fudhanne ta’uu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Haa ta’u malee murni rifaatuu tokko ilma namaaf hin qabne Oromoo ta’ee dhalachuu isaa qofaaf yakkuun rasaasaan waadanii ajjeesan jechuunis itti dabaluun jiraattonni yaada isaanii nuuf qoodan ibsaniiru.


