ONM-ABO Bitootessa 4, 2025
Bulchiinsi Traamp gara fuula duraatti gargaarsi meeshaa waraanaa Yukireenitti akka hin ergamne ajajuu isaa qondaalli Ameerikaa tokko Wiixata kaleessaa Al Arabiya English himaniiru.
“Furmaata tokkoof gumaacha akka qabu mirkaneessuuf gargaarsa keenya xiqqoo dhaabannee gamaaggama,” jedhan qondaalli Waayit Haawus.
Murteen kun kan ta’e gorsitoota nageenya biyyaalessaa olaanoo Pirezidaanti Doonaald Tiraamp waliin Waayit Haawusitti walgahii taa’anii booda. Wal jijjiirraa cimaa Tiraamp fi pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zelensky gidduutti guyyoota muraasa dura waajjira Ovaal keessatti taasifameen booda.
Qondaalli Waayit Haawus kun tamsaasa Al Arabayaa afaan Ingiliffaatti akka himanitti, Tiraamp nagaa irratti akka xiyyeeffatan ifa godhaniiru. ”Michoonni keenya galma sanaafis akka of kennan nu barbaachisa,” jedhan qondaalli kun.
Biluumberg akka gabaasetti meeshaaleen waraanaa Ameerikaa yeroo ammaa Yukireen keessa hin jirre hundi meeshaa waraanaa xiyyaarotaa fi doonii irratti qaxxaamuran ykn naannoo qaxxaamuraa Poolaanditti eegan dabalatee akka dhaabbatan gabaaseera. Itti dabaluudhaanis, Tiraamp Ministira Ittisaa Piit Hegset ajaja kana akka raawwachiisu ibsaniiru.
Gabaasni kun kan dhiyaate erga Tiraamp gargaarsa waraanaa Yukireen dhaabsisuun irratti akka hin mari’anne ibseen booda. Yeroo ibsa sanaatti garuu Zelenskiin deeggarsa Waashingitan “kana caalaatti dinqisiifachuu qabu” jedhan.
Gara waggaa sadii waraana kanaa keessatti, Waashingitan Yukireeniif gargaarsa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu raawwatteetti jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

