ONM-ABO Bitootessa 5, 2025
Gurraandhala 27, 2025 godina Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Guullallee iddoo addaa Qaawwaa jedhamutti waraanni akka feeteen Bilxiginnaa manneen qonnaan bultoota hedduu badi tokko malee abidda itti qabsiisuun qabeenya waliin barbadeessanii jiraachuun barame.
Namootni manneen jalaa gubate kunis:
1. Tarree Ida’aa Gonfaa jalaa manneen 2,
2. Maammush Ida’aa Gonfaa mana 1,
3. Bokii Lammeessaa Garasuu manneen 2,
4. Ittiiqaa Damee Nagaash mana 1.
Walumaagalatti manneen 6 gubuun maatii adda facaasanii jiru.
Kana malees qabeenya mana keessaa midhaan kuntaala 20 ol kan guban yoo ta’u, meeshaaleen biroon mana keessa gubatanis qarshii 200,000tti kan tilmaamamu ta’u odeessi achii arganne ni addeessa.
Gareen gara laafummaa fi marartoo tokko hawaasa irraa dhalateef hin qabne ergamtootni Abiy Ahimed waraanni Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta jedhuun qofa badii seeraan adda hin baaneen miidhaa kanaa fi kanneen kanaa olii uummata nagaa irratti raawwachaa oolu.






