ONM-ABO Bitootessa 7, 2025
Waggoottan ja’aa oliif hidhaa fi ajjeechaa raawwachuun sirna Bilxiginnaa daranuu impaayerattii diigumsatti oofuu malee nagaaf tasgabbii kan hin finne, gochoota badii isaa irraa baratee bulchiinsa sirrii ijaaree bulchuun kan irra ture daranuu dogonggora seeraa fi seenaan isa gaafachiisu Oromiyaa keessatti raawwachuu jabeessee itti fufuun dargaggoota hojjetanii biyyaa fi maatii isaanii jijjiiran sobaan yakkee jumlaan hidhaatti guuruu cimsee itti fufeera.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Giraar Jaarsoo ganda Dirree Dooyyuu fi Shabaal Gottor keessaa Bitootessa 2, 2025 maqaa WBO’f eeruu laattu jedhuun namoota maqaan isaanii Alamuu Tafarraa fi Bassuufiqaad Tagany jedhaman qabuun waajjira poolisiitti hidhanii dararaa jiraachuun addeeffameera.
Kana malees akka godinichaatti hidhaan raawwachaa jiru haalaan yaaddessaa ta’uus kan himan jiraattotni, dargaggoota, daa’imman umuriin isaanii 10 gadii fi haawwan hedduun yakka tokko malee waggoottan lamaa oliif murtii seeraa tokko malee hidhamanii hiraarfamaa akka jiran itti dabaluun ONM’f eeraniiru.


