• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Daaroo Labuu keessatti waraanni murna garboomsaa PP qarree tokko sadii ta’uun yoo gudeedan, Aanaa Martiitti ajjeechaa raawwachuun dhaga’ame

Mar 8, 2025

ONM-ABO Bitootessa 8, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Gaaddoo Arabaatti Bitootessa 5, 2025 dargaggoo maqaan isaa Darajjee Aabishu jedhamu iddoo jireenya isaatti itti dhaquun waraanni maafiyaan PP gaaffii seeraa tokko malee gara jabina hamaatiin rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’tti himaniiru. 

Oduu biraatiin ammoo godinichuma aanaa Daaroo Labuutti shiftoonni koloneel Abiy Ahimed qarree maqaan ishee Daraartuu Leellisaa Hassan jedhamtu Bitootessa 5, 2025 namoota 3 ta’uun gudeeddii irratti raawwachuun miidhaa qaamaa irraan gahuun yeroo ammaa mana yaalaa jiraachuu jiraattonni eeraniiru.

Garboomfataan gara laafina namaaf hin qabne gochoota gara jabinaa abbootii isaa irraa dhaale daran tooftaalee balaaleffamoo adda addaan masakee babaldhisuun waraana isaa gara laafummaa ilmoo namaaf hin qabne Oromiyaatti bobbaasee ajjeechaa suukkanneessaa fi gudeeddii raawwachuun qe’ee Oromootaatti yaaddoo uumee jiraachuus jiraattonni miira gaddaan yaada isaanii ONM’f ibsaniiru.

Leave a Reply