• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti bulchaan aanichaa qoricha hawaasaa hidhattoota Amaaraatti gurgurachuun saaxilame

Mar 8, 2025

ONM-ABO Bitootessa 8, 2025 

Murni Bilxiginnaa hidhattoota Amaaraa warra maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho’aniif lukkeelee fi riqicha ta’uun isaan waliin uummata dararaa oolu.

Bulchaan aanaa Kiiramuu finxaaleeyyii Amaaraa lafa Oromoo irratti qusachuun dhaabbachaafii, ilmaan Oromoo immoo diinomfachuun loltoota sirnichaa itti ergee adamsee qe’ee fi qabeenyaa irraa ari’achaa kan jiru Gurraandhala 26, 2025 magaalaa Angar Guutee keessaa hoteelatti qoricha inshuuraansii fayyaa hawaasaa sabbataa fi dafqa  ilmaan hiyyeessaan bitame miliqsuun diinota Oromoo kan ta’an Faannootti gurguratee jiraachuu isaa namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Bulchaan kun, lukkeelee isaaf amanaman muraasa of jala hiriirfachuun icciitii kana dhoksee awwaaluuf kalaqa sobaa “finxaaleeyyii Amaaraatu aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka Dooroo Oborraa jedhamutti na saaman” jedhu bocachuun kan hawaasa sobe ta’uu fi sobni isaas irratti baramee jiraachuun saaxilamee jira.

Kaabineen Bilxiginnaa maqaaf qofa Oromummaa dha’atee Amaarummaa isaa immoo gochaan mul’isaa kan jiru kun yeroo adda addaatti hidhattoota Amaaraaf haala mijeessee deggersa gochuun miidhaa saba Oromoo irrattis qaqqabsiisaa akka jiru itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply