ONM-ABO Bitootessa 8, 2025
Aanaa Saasiggaa ganda Walqixxummaa irraa Gurraandhala 28, 2025 barattoota maqaan isaanii:
- Malkaamuu Galataa,
- Geetaahuun Qananii,
- Taarikuu Sirriiiqaa,
- Dastaa Birraatuu fi
- Nagaraa Biyyanaa
kanneen jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee barnoota idilee isaanii irraa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanaadhuma Saasiggaa keessatti hidhaa fi dararaan barattoota Oromoo irratti raawwatu kun jabaatee ittuma fufuun, yerooma wal fakkaataatti ganda Odaa iddoo addaa Dambii jedhamu keessaa ammoo:
- Guddataa Asaffaa,
- Dabalaa Goongoo fi
- Abdiisaa Lammeessaa
barattootni jedhamanis sababa tokko malee hidhamuu maddeen gabaasan.
Oduu gubaatii manneeniitiin wal qabatuun ammoo, godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa iddoo addaa Goosuu jedhamu irraa Bitootessa 2, 2025 maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun obboleeyyan lamaan kanneen maqaan isaanii:
- Hindhibuu Tasfaa fi
- Dhugaasaa Tasfaa jedhaman
manneen jireenyaa isaanii qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii jalaa barbadeessuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Guyyaadhuma kana gandicha keessaa maqaa WBO’f nyaata kennitu jedhuun harmoolii hedduu qe’ee isaaniitii qabanii deemuun hidhaatti darbatanii jiraachuun ifoomee jira.


